Saamuʼeel Saaʼolitti Dheekkamuu Isaa
1Saaʼol yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa soddoma ture; innis waggaa afurtamii lama Israaʼelin bulche.
2Saaʼol namoota kuma sadii Israaʼel keessaa filate; kumni lama Mikmaasii fi biyya gaaraa Beetʼeelitti Saaʼol wajjin, kumni tokko immoo biyya Beniyaam keessatti Gibeʼaatti Yoonaataan wajjin turan. Namoota kaan garuu gara mana mana isaaniitti deebise.
3Yoonaataan qubata waraana Filisxeemotaa kan Gibeʼaa keessa ture sana dhaʼe; Filisxeemonnis waaʼee kanaa dhagaʼan. Kana irratti Saaʼol, “Ibroonni hundinuu haa dhagaʼani!” jedhee biyyattii guutuu keessatti malakata afuufsise. 4Israaʼel hundinuus oduu, “Saaʼol qubata waraana Filisxeemotaa dhaʼeera; Israaʼelis Filisxeemota biratti balfameera” jedhu dhagaʼan. Namoonnis Saaʼol duukaa buʼuuf Gilgaalitti walitti qabaman.
5Filisxeemonnis Israaʼeloota waraanuuf gaariiwwan kuma soddoma, namoota gaarii oofan kuma jaʼaa fi loltoota akka cirracha galaanaa baayʼataniin hiriiran. Ol baʼaniis karaa baʼa Beet Aawwen iddoo Mikmaas jedhamu qubatan. 6Namoonni Israaʼel yommuu akka haalli isaan keessa jiran sodaachisaa taʼee fi akka loltoonni isaanii sardamaa jiran arganitti holqa keessa, qoraattii keessa, kattaa keessa, bowwaa keessaa fi boolla keessa dhokatan. 7Ibroonni tokko tokko immoo Yordaanos ceʼanii biyya Gaadii fi Giliʼaad dhaqan.
Saaʼol garuu Gilgaalitti hafe; loltoonni isa wajjin turan hundinuus sodaadhaan hollachaa turan. 8Innis akkuma yeroo Saamuʼeel murteesse sanaatti bultii torba eege; Saamuʼeel garuu gara Gilgaal hin dhufne; namoonni Saaʼolis bibittinnaaʼuu jalqaban. 9Saaʼolis, “Aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa as naa fidaa” jedhe. Innis aarsaa gubamu ni dhiʼeesse. 10Akkuma Saaʼol aarsaa dhiʼeessee xumureen Saamuʼeel dhufe. Saaʼolis isa simachuuf gad baʼe.
11Saamuʼeel, “Ati maal gochuu kee ti?” jedhee gaafate.
Saaʼolis deebisee akkana jedhe; “Ani yeroon akka sabni bibittinnaaʼe, akka ati yeroo murteeffametti hin dhufinii fi akka Filisxeemonni Mikmaasitti walitti qabaman argetti, 12‘Filisxeemonni Gilgaalitti natti dhufan; anis surraa Waaqayyoo hin kadhanne’ jedheen yaade. Kanaafuu aarsaa gubamu dhiʼeessuun dirqama natti taʼe.”
13Saamuʼeelis akkana jedhe; “Ati waan siif hin malle hojjete; ajaja Waaqayyo Waaqni kee siif kenne hin eegne; utuu ajaja isaa eegdee jiraattee inni mootummaa kee Israaʼel irratti jabeessee bara baraan ni dhaaba ture. 14Amma garuu mootummaan kee jabaatee hin dhaabatu; Waaqayyo nama akka fedhii garaa isaa taʼe argateera; sababii ati ajaja Waaqayyoo hin eeginiif inni dura deemaa saba isaa godhatee isa muudateera.”
15Ergasii Saamuʼeel Gilgaal dhiisee gara Gibeʼaa ishee biyya Beniyaam keessatti argamtuutti ol baʼe; Saaʼolis namoota isa wajjin turan ni lakkaaʼe. Baayʼinni isaaniis gara nama dhibba jaʼa ture.
Israaʼeloonni Meeshaa Waraanaa Hin Qabanne
16Yeroo Filisxeemonni Mikmaas keessa qubatanii turanitti Saaʼol, ilmi isaa Yoonaataanii fi namoonni isaan wajjin turan biyya Beniyaam Gibeʼaa keessa turan. 17Gareen weerartootaa iddoo sadiitti qoodamanii qubata Filisxeemotaatii baʼan. Gareen tokko gara Ofraa kan biyya Shuuʼaali keessa jiru sanaatti qajeele; 18gareen lammaffaan karaa Beet Horoonitti, gareen sadaffaan immoo karaa daarii irraangadee Sulula Zebooʼiim kan fuullee gammoojjiitti geessu irra buʼe.
19Sababii Filisxeemonni, “Ibroonni goraadee yookaan eeboo ofii isaaniitiif hin tumsiifatin!” jedhanii turaniif Israaʼel hunda keessatti namni sibiila tumu tokko iyyuu hin argamne. 20Kanaafuu Israaʼeloonni hundi maarashaa isaanii, gasoo isaanii, dhagaraa fi haamtuu isaanii qarsiifachuuf gara Filisxeemotaatti gad buʼan. 21Gatiin ittiin maarashaa fi gasoo qarsiifatan saqilii tokko irraa harka sadii keessaa harka lama; qorbii, dhagaraa fi meeshaa ittiin qotiyyoo tuttuqan qarsiifachuuf immoo saqilii tokko irraa harka sadii keessaa harka tokko kaffalu turan.
22Kanaafuu guyyaa waraanaa Saaʼolii fi Yoonaataan malee loltuun tokko iyyuu goraadee yookaan eeboo hin qabu ture.
Yoonaataan Filisxeemota Rukutuu Isaa
23Gaafuma sana gareen Filisxeemotaa tokko gara malkaa Mikmaasitti gad buʼe.