Saaʼol Daawititti Hinaafuu Isaa
1Erga Daawit Saaʼol wajjin haasaʼee fixatee booddee, lubbuun Yoonaataan lubbuu Daawititti maxxante; Yoonaataanis akkuma lubbuu ofii isaatti isa jaallate. 2Saaʼolis gaafa sanaa jalqabee Daawitin ofitti fudhate; akka inni gara mana abbaa isaatti deebiʼus hin eeyyamneef. 3Yoonaataan sababii akka mataa isaatti isa jaallateef Daawit wajjin kakuu seene. 4Yoonaataanis qoloo uffatee ture of irraa baasee kittaa isaa, goraadee isaa, iddaa isaatii fi sabbata isaa dabalee Daawitiif kenne.
5Daawit iddoo Saaʼol itti isa erge hunda dhaqee ni milkaaʼa ture. Saaʼolis namoota waraanaa irratti isa sadarkaa ol aanaa kenneef. Wanni kunis saba hundaa fi tajaajiltoota Saaʼol hunda gammachiise.
6Dubartoonnis erga Daawit Filisxeemicha ajjeesee booddee yommuu namoonni gara mana ofii isaaniitti deebiʼanitti magaalaawwan Israaʼel hunda keessaa masiinqoo fi dibbee qabatanii faarfannaa gammachuutiin faarfachaa fi shuubbisaa Saaʼol mooticha simachuuf baʼan. 7Dubartoonni sunis wal jalaa qabanii:
“Saaʼol kumaatama ajjeese;
Daawit immoo kuma kumaatamaa ajjeese” jedhanii faarfatan.
8Saaʼol akka malee aare; jechi kunis isa hin gammachiifne. Innis, “Isaan Daawitiif kuma kumaatama kennan; anaaf garuu kumaatama qofa kennan. Mootummaa fudhachuu malee maaltu isa hafe?” jedhee yaade. 9Gaafasii jalqabee Saaʼol ija hinaaffaatiin Daawitin ilaala ture.
10Guyyaa itti aanutti hafuurri hamaan Waaqa biraa humnaan Saaʼolitti dhufe. Innis mana isaa keessatti raajii dubbachaa ture; Daawit immoo akkuma duraan godhu sana baganaa taphachaa ture. Saaʼolis eeboo harkatti qabatee ture; 11innis, “Ani Daawitin keenyanittan hodha” jedhee waan yaadeef eeboo itti darbate. Daawit garuu yeroo lama isa duraa miliqe.
12Saaʼolis Daawitin sodaate; Waaqayyo Saaʼolin dhiisee Daawit wajjin tureetii. 13Kanaafuu Saaʼol Daawitin fuula ofii isaa duraa fageessee ajajaa kumaa isa godhe; Daawitis loltoota hoogganee ni baʼa; ni galas ture. 14Sababii Waaqayyo isa wajjin tureef inni waan hojjetu hundumaan ni milkaaʼa ture. 15Saaʼolis yeroo akka inni milkaaʼe argetti isa ni sodaate. 16Israaʼelii fi Yihuudaan hundi garuu Daawitin ni jaallatan; inni fuula isaanii dura ni baʼa; ni galas tureetii.
17Saaʼolis Daawitiin, “Meerab intalli koo hangafti kunoo ti; ati jagnummaan lola Waaqayyoo loli malee ani ishee sitti nan heerumsiisa” jedhe. Saaʼol, “Harki Filisxeemotaa isa irratti haa kaʼu malee ani harka koo isa irratti hin kaasu” jedhee yaadaa tureetii.
18Daawit garuu Saaʼoliin, “Soddaa mootii taʼuuf ani eenyu? Maatiin koo yookaan gosti abbaa koo Israaʼel keessatti maali?” jedhe. 19Kanaafuu yommuu yeroon itti Meerab intalli Saaʼol Daawititti heerumtu dhiʼaatetti isheen Adriiʼeel nama biyya Mehoolaatitti heerumte.
20Miikaal intalli Saaʼolis Daawitin jaallattee turte; Saaʼolis yeroo waaʼee kanaa dhagaʼetti ni gammade. 21Innis, “Akka isheen kiyyoo isatti taatuu fi akka harki Filisxeemotaa isa argatuuf ani ishee isatti nan heerumsiisa” jedhee yaade. Kanaafuu Saaʼol Daawitiin, “Ati amma soddaa koo taʼuuf carraa lammaffaa qabda” jedhe.
22Ergasiis Saaʼol, “ ‘Kunoo mootiin sitti gammada; tajaajiltoonni isaa hundinuus si jaallatu; ati amma soddaa isaa taʼi’ jedhaatii dhoksaadhaan Daawititti himaa” jedhee tajaajiltoota isaa ajaje.
23Isaanis irra deebiʼanii waan kana Daawititti himan; Daawit garuu, “Soddaa mootii taʼuun waanuma salphaa seetanii? Ani hiyyeessa; nama hamma kanatti beekamus miti” jedhe.
24Tajaajiltoonni Saaʼol waan Daawit jedhe isatti himan; 25Saaʼol immoo, “ ‘Mootichi diinota isaa haaloo baʼuuf misaa Filisxeemotaa dhibba tokko malee gabbara biraa tokko illee sirraa hin barbaadu’ jedhaatii Daawititti himaa” jedhe. Karoorri Saaʼol akka Daawit harka Filisxeemotaatti kufu ture.
26Yommuu tajaajiltoonni sun waan kana Daawititti himanitti, Daawit soddaa mootii taʼuuf ni gammade. Kanaafuu utuu yeroon isaa hin gaʼin, 27Daawitii fi namoonni isaa dhaqanii Filisxeemota dhibba lama ajjeesan. Daawitis soddaa mootii taʼuuf jedhee misaa Filisxeemota ajjeefamanii hunda fidee mootichatti kenne. Kana irratti Saaʼol intala isaa Miikaalin isatti heerumsiise.
28Saaʼol yommuu akka Waaqayyo Daawit wajjin jiruu fi akka Miikaal isa jaallate hubatetti, 29ammas akka malee isa sodaate; bara jireenya isaa kan hafe hundas diina isaa taʼee jiraate.
30Ajajjoonni waraana Filisxeemotaas yeroo hedduu waraanaaf ni baʼu turan; yeroo isaan waraanaaf baʼan hundas Daawit qondaaltota Saaʼol kaan caalaa moʼannaa argata ture; maqaan isaas baayʼee beekame.