Biblica® Open New Oromo Contemporary Version

1 Saamuʼeel 2:1-36

Kadhannaa Haannaa

1Haannaanis akkana jettee kadhatte:

“Garaan koo Waaqayyotti ni gammada;

gaanfi koos Waaqayyoon ol kaafama.

Afaan koos diinota koo irratti of jaja;

ani fayyisuu keetti nan gammadaatii.

2“Qulqulluun akka Waaqayyoo tokko iyyuu hin jiru;

si malees eenyu iyyuu hin jiru;

kattaan akka Waaqa keenyaa tokko iyyuu hin jiru.

3“Of jajuudhaan hin dubbatinaa;

yookaan dubbiin of tuulummaa akkasii afaan keessanii hin baʼin;

Waaqayyo Waaqa beekaadhaatii;

hojiiwwanis isaan madaalamu.

4“Iddaawwan namoota jajjaboo caccabaniiru;

namoonni dadhaboon garuu humna hidhataniiru.

5Warri quufanii turan buddeenatti of gurguraniiru;

warri beelaʼanii turan garuu siʼachi hin beelaʼan.

Isheen dhabduu turte ijoollee torba deesse;

isheen ijoollee baayʼee qabdu immoo ni dhabde.

6Waaqayyo ni ajjeesa; ni fayyisas;

siiʼoolitti gad ni buusa; olis ni baasa.

7Waaqayyo ni hiyyoomsa; ni sooromsas;

ni salphisa; ni ulfeessas.

8Inni hiyyeeyyii awwaara keessaa ni kaasa;

rakkattootas tuulaa daaraa keessaa ol fuudha;

inni ilmaan mootii wajjin isaan ni teessisa;

barcuma ulfinaas isaan dhaalchisa.

“Hundeewwan lafaa kan Waaqayyoo ti;

inni hundeewwan sana irra addunyaa kaaʼeera.

9Inni miilla qulqulloota isaa ni eega;

namoonni hamoon garuu dukkana keessatti calʼisu.

“Namni jabina isaatiin hin moʼatu;

10warri Waaqayyoon morman ni caccabsamu.

Inni samiidhaa isaanitti qaqawweessaʼa.

Waaqayyo daarii lafaatti ni murteessa.

“Inni mootii isaatiif jabina ni kenna;

gaanfa dibamaa isaa illee ol ni kaasa.”

11Ergasii Elqaanaan gara mana isaa Raamaatti gale; mucichi garuu Eelii lubicha jalatti fuula Waaqayyoo dura tajaajilaa ture.

Hammina Ilmaan Eelii

12Ilmaan Eelii namoota hamoo turan; Waaqayyonis hin sodaatan ture. 13Akka bartee luboonni saba wajjin qabaniitti yeroo namni kam iyyuu aarsaa dhiʼeessutti utuma foon affeelamaa jiruu tajaajilaan lubichaa hokkoo quba sadii qabu tokko harkatti qabatee dhufee 14beddee yookaan huuroo yookaan okkotee yookaan xuwwee keessa galcha ture; lubichis waanuma qabduun sun ol baase ofii isaatii fudhata ture. Israaʼeloota gara Shiiloo dhufan hundas haaluma kanaan keessumsiisu turan. 15Garuu utuma coomni isaa hin gubamin dura tajaajilaan lubichaa dhufee nama aarsaa qalmaa dhiʼeessuun, “Waan lubichi foon dheedhii malee affeelamaa si harkaa hin fudhanneef waan isaaf waadamu naa kenni” jedha ture.

16Yoo namichi sun, “Jalqaba coomni isaa haa gubamu; ergasii kan barbaadde fudhadhu” jedheenis, tajaajilaan sun deebisee, “Hin taʼuu ammuma naa kenni; yoo ati didde immoo ani humnaan nan fudhadha” isaan jedha ture.

17Cubbuun dargaggootaa kun fuula Waaqayyoo duratti akka malee guddaa ture; isaan aarsaa Waaqayyoof dhiʼeeffamu ni tuffatu tureetii.

18Saamuʼeel garuu dirata quncee talbaa irraa hojjetame uffatee fuula Waaqayyoo dura ni tajaajila ture. 19Haati isaa yommuu wagguma waggaan aarsaa waggaa dhiʼeessuuf dhirsa ishee wajjin ol baatutti wandaboo xinnoo ishee hojjettee ni geessitiif turte. 20Eeliinis, “Dubartii kana irraa qooda ilma isheen Waaqayyoof kennite sanaa Waaqayyo ijoollee isheef haa kennuu” jedhee Elqaanaa fi niitii isaa eebbise. Isaanis deebiʼanii mana isaaniitti galan. 21Waaqayyos Haannaa ni yaadate; isheenis ulfooftee ilmaan sadii fi intallan lama ni deesse. Saamuʼeel mucichis fuula Waaqayyoo duratti ni guddate.

22Yeroo kanatti Eeliin akka malee dulloomee ture; innis waan ilmaan isaa saba Israaʼel hundatti hojjetan hunda akkasumas akka isaan dubartoota balbala dunkaana wal gaʼii irra tajaajilan wajjin ciisan dhagaʼe. 23Kanaafuu inni akkana isaaniin jedhe; “Hammina isin gootan ani saba hundumaa irraa dhagaʼeera; isin maaliif waan akkasii gootu? 24Lakkisaa yaa ilmaan koo; oduun saba Waaqayyoo keessa facaʼee ani dhagaʼu kun gaarii miti. 25Namni tokko yoo nama biraatti cubbuu hojjete Waaqayyotu gidduu galaaf; garuu yoo namni tokko Waaqayyotti cubbuu hojjete eenyutu gidduu galaaf?” Taʼus sababii Waaqayyo isaan ajjeesuu barbaadeef ilmaan Eelii gorsa abbaa isaanii hin dhageenye.

26Saamuʼeel mucichis guddachaa deemee fuula Waaqayyootii fi fuula namaa duratti surraa argate.

Raajii Maatii Eelii Irratti Dubbatame

27Namni Waaqaa tokko gara Eelii dhufee akkana jedheen; “Waaqayyo akkana jedha: ‘Yeroo manni abbaa keetii biyya Gibxi keessa garbummaa Faraʼoon jala turetti ani isatti of mulʼifnee? 28Akka inni luba koo taʼuuf, akka inni gara iddoo aarsaa kootti ol baʼuuf, akka inni ixaana aarsuu fi akka fuula koo duratti dirata uffatuuf, ani gosoota Israaʼel hunda keessa abbaa kee filadheera; akkasumas aarsaa Israaʼeloonni ibiddaan dhiʼeessan hunda maatii abbaa keetiitiif kenneera. 29Egaa isin maaliif qalmaa fi aarsaa ani ajaje sana tuffatu? Ati maaliif aarsaa saba koo Israaʼeliin dhiʼeeffamu keessaa filatamaa isaa nyaatanii of gabbisuudhaan ana caalaatti ijoollee keetiif ulfina kennita?’

30“Kanaafuu Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Manni keetii fi manni abbaa keetii bara baraan fuula koo dura akka tajaajilaniif ani waadaa galee ture.’ Amma garuu Waaqayyo akkana jedha: ‘Kun ana irraa haa fagaatu! Warra ulfina naa kennan nan ulfeessa; warri na tuffatan immoo ni tuffatamu. 31Akka maatii kee keessatti jaarsi hin argamneef, yeroon ani itti jabina keetii fi jabina maatii abbaa keetii cabsu tokko ni dhufa; 32iddoo jireenya koo keessattis rakkina argita. Israaʼeliif wanni gaariin yoo godhamu iyyuu, toora maatii keetii keessatti jaarsi hin argamu. 33Namni ani iddoo aarsaa koo biraa hin balleessin hundi ija kee imimmaaniin jaamsuu fi garaa kee gaddisiisuuf hambifama; ijoolleen kee hundinuus umurii ijoollummaatti duʼu.

34“ ‘Wanni ilmaan kee lamaan Hofniinii fi Fiinehaasitti dhufu siif mallattoo taʼa; isaan lachanuu guyyuma tokkotti dhumu. 35Ani luba amanamaa kan akka waan garaa koo keessa jiruu fi akka waan yaada koo keessa jiruutti hojjetu tokko ofii kootiif nan kaafadha; ani isaaf mana bara baraa nan ijaara; innis fuula dibamaa kootii dura bara baraan tajaajila. 36Namni sanyii kee keessaa hafe hundis, “Akka ani muraa buddeena tokkoo illee nyaadhuuf hojii lubummaa keessaa tokko irratti na ramadi” jedhe dhufee meetii tokkoo fi buddeena tokkoof fuula isaa duratti kufee sagadaaf.’ ”