Biblica® Open New Oromo Contemporary Version

1 Saamuʼeel 6:1-21

Taabonni Gara Israaʼelitti Deebiʼe

1Taabonni Waaqayyoos Filisxeem keessa jiʼa torba ture. 2Filisxeemonnis lubootaa fi ilaaltota waamanii, “Taabota Waaqayyoo maal haa goonu? Iddoo isaatti haala akkamiitiin akka deebifnu nutti himaa” jedhaniin.

3Isaanis deebisanii, “Yoo taabota Waaqa Israaʼel deebiftan, kennaa yakkaa wajjin malee duwwaa isaa hin deebisinaa; ergasii isin ni fayyitu; harki isaas maaliif akka isin irraa hin kaafamin ni beektu” jedhaniin.

4Filisxeemonnis, “Kennaan yakkaa kan nu erginuuf maal taʼuu qaba?” jedhanii gaafatan.

Isaanis akkana jedhanii deebisan; “Sababii dhaʼichi isinii fi bulchitoota keessan rukute tokkuma taʼeef akkuma baayʼina bulchitoota Filisxeemotaatti dhiitoo warqee shananii fi hantuuta warqee shan ergaa. 5Fakkii dhiitoo fi fakkii hantuutaa kanneen biyya balleessaa jiranii hojjedhaa; Waaqa Israaʼeliif immoo ulfina kennaa. Yoos inni harka isaa isin irraa, waaqota keessanii fi biyya keessan irraa ni kaasa taʼa. 6Isin maaliif akka namoota Gibxiitii fi akka Faraʼoon mataa jabeeyyii taatu? Yeroo Waaqayyo adaba cimaadhaan isaan adabetti, isaan akka Israaʼeloonni gara barbaadan deemaniif hin eeyyamneefii?

7“Kanaafuu gaarii haaraa fi saawwan hoosisan kan waanjoon takkumaa irra hin kaaʼamin lama qopheessaa. Saawwan sanas gaarii sanatti camadaa; jabboota isaanii garuu gara manaatti biraa deebisaatii itti cufaa. 8Taabota Waaqayyoo sanas fuudhaatii gaarii irra kaaʼaa; miʼa warqee aarsaa yakkaatiif ergitan sanas sanduuqa taabota Waaqayyoo bira jiru keessa kaaʼaa. Akka inni karaa barbaade deemuufis gad dhiisaa; 9garuu ija isa irraa hin buqqifatinaa. Yoo inni gara biyya isaa gara Beet Shemeshitti qajeele rakkina guddaa kana Waaqayyotu nutti fide. Yoo gara sanatti qajeeluu baate garuu dhaʼichi kun akkuma tasaa nutti dhufe malee Waaqayyo nutti hin fidne.”

10Isaanis akkasuma godhan. Saawwan lamaan fuudhanii gaariitti camadan; jabboota isaanii manatti deebisanii itti cufan. 11Isaanis taabota Waaqayyoo sana gaariitti feʼan. Sanduuqa hantuuta warqeetii fi fakkii iitoo baatu sanas isa wajjin feʼan. 12Saawwan sunis karaa qabatanii utuu bitaa mirgatti hin gorin marʼachaa gara Beet Shemeshitti qajeelan. Bulchitoonni Filisxeemotaas hamma daarii Beet Shemeshitti isaan faana buʼan.

13Yeroo sanattis namoonni Beet Shemeshi sulula keessaa qamadii haamaa turan; isaanis yommuu ol jedhanii taabota sana arganitti akka malee gammadan. 14Gaariin sunis lafa qotiisaa Iyyaasuu nama Beet Shemeshi bira gaʼee kattaa guddaa tokko cina dhaabate. Namoonnis muka gaarii sanaa falaxanii saawwan sana aarsaa gubamu godhanii Waaqayyoof dhiʼeessan. 15Warri Lewwotaas taabota Waaqayyoo sanduuqicha miʼa warqee baatu sana wajjin gad buusanii kattaa guddaa irra kaaʼan; gaafuma sanas namoonni Beet Shemeshi aarsaa gubamuu fi qalma Waaqayyoof dhiʼeessan. 16Bulchitoonni Filisxeemotaa shanan erga waan kana hunda arganii booddee gaafuma sana Eqroonitti deebiʼan.

17Iiti warqee kan Filisxeemonni aarsaa yakkaa godhanii Waaqayyoof ergan kanaa dha; isaanis tokko Ashdoodiif, tokko Gaazaaf, tokko Eqrooniif, tokko Gaatiif, tokko immoo Ashqalooniif ergan. 18Baayʼinni hantuutota warqees akkuma baayʼina magaalaawwan Filisxeemotaa kanneen bulchitoota shananiif kennamaniitti ture. Magaalaawwan dallaa jajjaboo qaban kunneenis gandoota of jalaa qabu ture. Kattaan guddichi isaan taabota Waaqayyoo isa irra kaaʼan sunis lafa qotiisaa Iyyaasuu namicha Beet Shemeshi keessatti hamma harʼaatti dhugaa baatuu dha.

19Waaqnis sababii isaan taabota Waaqayyoo keessa ilaalaniif namoota Beet Shemeshi dhaʼee isaan keessaa nama torbaatama ajjeese. Sababii Waaqayyo akka malee isaan dhaʼeef namoonni sun ni booʼan; 20namoonni Beet Shemeshis, “Eenyutu fuula Waaqayyoo, fuula Waaqa qulqulluu kanaa dura dhaabachuu dandaʼa? Taabonni kun asii baʼee eenyu bira haa dhaqu?” jedhanii gaafatan.

21Ergasii gara Kiriyaati Yeʼaariimitti ergamoota erganii, “Filisxeemonni taabota Waaqayyoo deebisaniiru; gad kottaatii taabota sana gara keessanitti fudhadhaa” jedhaniin.