Faarfannaa 86
Kadhannaa Yeroo Rakkinaa
Kadhannaa Daawit.
1Yaa Waaqayyo, waan ani hiyyeessaa fi rakkataa taʼeef,
na dhagaʼiitii deebii naa kenni.
2Ani sitti of kenneeraatii lubbuu koo eegi.
Ati Waaqa koo ti;
garbicha kee kan si amanatu oolchi.
3Yaa Gooftaa na maari;
ani guyyaa guutuu sin waammadhaatii.
4Lubbuu garbicha keetii gammachiisi;
yaa Gooftaa, ani lubbuu koo gara keetti oli nan fuudhaatii.
5Yaa Gooftaa ati gaarii dha; dhiifamas namaa goota;
warra si waammatan hundaafis jaalalli kee guddaa dha.
6Yaa Waaqayyo, kadhannaa koo dhagaʼi;
iyya waammata koos dhaggeeffadhu.
7Ani guyyaa rakkina kootiitti sin waammadha;
ati deebii naa kennitaatii.
8Yaa Gooftaa, waaqota keessaa kan akka keetii hin jiru;
hojiin hojii keetiin wal qixxaatu tokko iyyuu hin jiru.
9Yaa Gooftaa, saboonni ati uumte hundinuu dhufanii,
fuula kee duratti ni sagadu;
maqaa keetiifis ulfina fidu.
10Ati guddaa fi kan hojii dinqisiisaa hojjettuu dha;
Waaqni suma qofa.
11Yaa Waaqayyo, karaa kee na barsiisi;
anis dhugaa keetiin nan bula;
akka ani maqaa kee sodaadhuuf,
garaa gargar hin qoodamne naa kenni.
12Yaa Waaqa koo Gooftaa, ani garaa koo guutuudhaan sin galateeffadha;
maqaa kee illee bara baraan nan ulfeessa.
13Jaalalli ati naa qabdu guddaadhaatii;
lubbuu koo dhidhima siiʼool keessaa baafteerta.
14Yaa Waaqi, of tuultonni natti kaʼaniiru;
tuunni finciltootaa, namoonni si hin sodaanne
lubbuu koo galaafachuu barbaadu.
15Yaa Gooftaa, ati garuu Waaqa garaa laafessaa fi arjaa dha;
daftee hin aartu; jaalallii fi amanamummaan kee dhuma hin qabu.
16Gara kootti deebiʼiitii na maari;
jabina kee tajaajilaa keetii kenni;
ilma garbittii keetiis oolchi.
17Akka diinonni koo arganii qaanaʼaniif,
mallattoo gaarummaa keetii naa kenni;
yaa Waaqayyo, ati na gargaartee na jajjabeessiteertaatii.