Faarfannaa 87
Xiyoon, Haadha Sabootaa
Faarfannaa Ilmaan Qooraahi.
1Hundeen magaalaa isaa tulluu qulqulluu irra jira.
2Waaqayyo iddoo jireenya Yaaqoob hunda caalaa,
karrawwan Xiyoon jaallata.
3Yaa magaalaa Waaqaa,
waaʼee keetiif wanni kabajamaan akkana jedhamee ni dubbatama:
4“Ani Raʼaabii fi Baabilonin
warra na beekan gidduutti maqaa nan dhaʼa;
kunoo, Filisxeemii fi Xiiroos Itoophiyaa wajjin,
‘Namichi kun achitti dhalate’ jedhu.”
5Dhugumaan waaʼee Xiyoon,
“Inni kunii fi inni sun ishee keessatti dhalatan;
Waaqni Waan Hunda Olii mataan isaa iyyuu ishee dhaaba” jedhama.
6Waaqayyo yeroo saboota galmeessutti,
“Namichi kun achitti dhalate” jedhee barreessa.
7Warri faarfatanii fi warri meeshaa muuziiqaa taphatan,
“Burqaan koo hundi si keessatti argama” jedhu.