Biblica® Open New Oromo Contemporary Version

Faarfannaa 88:1-18

Faarfannaa 88

Kadhannaa Yeroo Rakkinaa

Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi kan maahilaati liinootiin88:0 Maahilaati liinootiin gosa muuziiqaa ti. Faarfatame. Maskiilii Heemaan Izraahichaa.

1Yaa Waaqayyo, Waaqa na fayyiftu,

ani halkanii fi guyyaa fuula kee duratti nan iyyadha.

2Kadhannaan koo fuula kee duratti haa dhiʼaatu;

atis gurra kee gara iyyannaa kootiitti qabi.

3Lubbuun koo rakkinaan guutamteertii;

jireenyi koos awwaalatti dhiʼaateera.

4Ani warra boolla keessa buʼanitti nan lakkaaʼame;

akka nama humna hin qabnees nan taʼe.

5Ani akka nama gorraʼamee awwaala keessa ciisuutti,

akka nama ati deebitee hin yaadanneetti,

akka warra eegumsa kee jalaa baʼaniitti,

warra duʼan wajjin gatameera.

6Ati boolla gad fagoo keessa,

dukkana hamaa keessas na buufteerta.

7Dheekkamsi kee ulfaatee narra ciiseera;

dambalii kee hundas narra garagalchiteerta.

8Michoota koo narraa fageessiteerta;

isaan biratti jibbamaa na gooteerta;

akka ani jalaa hin baanettis balballi natti cufameera.

9Iji koo gaddaan dadhabeera.

Yaa Waaqayyo, ani guyyuma guyyaan sin waammadha;

harka koo illee gara keetti nan balʼifadha.

10Ati dinqii kee warra duʼanitti ni argisiiftaa?

Warri duʼanis kaʼanii si galateeffatuu?

11Jaalalli kee awwaala keessatti,

amanamummaan kee immoo Qilee keessatti ni labsamaa?

12Dinqiiwwan kee dukkana keessatti,

yookaan qajeelummaan kee biyya irraanfannaa keessatti ni beekamaa?

13Yaa Waaqayyo, ani garuu akka ati na gargaartuuf gara keetti nan iyyadha;

ganamaanis kadhannaan koo fuula kee duratti ni dhiʼaata.

14Yaa Waaqayyo, ati maaliif na gatta?

Fuula kees maaliif na duraa dhokfatta?

15Ani ijoollummaa kootii jalqabee rakkadhee duʼuu gaʼeen ture;

naasisuun kee na dhiphiseera; abdiis kutadheera.

16Dheekkamsi kee narra yaaʼe;

naasisuun kees na balleesseera.

17Isaan guyyaa guutuu akkuma lolaa bishaanii na marsu;

guutumaan guutuuttis na liqimsaniiru.

18Michoota koo fi warra na jaallatan narraa fudhatteerta;

dukkana qofatu michuu naa taʼe.