Faarfannaa 89
Faarfannaa Fi Kadhannaa Amanamummaa Waaqaatiif Dhiʼaate
Maskiilii Eetaan Izraahichaa.
1Ani waaʼee araara Waaqayyoo bara baraan nan faarfadha;
afaan kootiinis amanamummaa kee dhaloota hundumatti nan labsa.
2Akka araarri kee bara baraan jiraatu,
akka ati amanamummaa kee samii keessatti jabeessitee dhaabde nan labsa.
3Ati akkana jetteerta; “Ani filatamaa koo wajjin kakuu galeera;
Daawit tajaajilaa kootiif illee akkana jedhee kakadheera;
4‘Ani bara baraan sanyii kee nan dhaaba;
teessoo kees dhaloota hundaaf nan cimsa.’ ”
5Yaa Waaqayyo, samiiwwan dinqii kee jaju;
yaaʼii qulqullootaa keessattis amanamummaa kee jaju.
6Samii keessatti eenyutu Waaqayyoon qixxaachuu dandaʼa?
Uumamawwan samii keessaa kan Waaqayyoon fakkaatu eenyu?
7Waaqni waldaa qulqullootaa keessatti baayʼee sodaatama;
warra naannoo isaa jiran hunda keessaas isatu sodaachisaa dha.
8Yaa Waaqayyo, Waaqa Waan Hunda Dandeessu,
Yaa Waaqayyo, ati jabaa dha; amanamummaan kees si marsa.
9Ati raafama galaanaa ni moota;
yommuu dhaʼaan isaa jabaatus ni tasgabbeessita.
10Akka warra qalamaniitti Raʼaabin bulleessite;
irree kee jabaa sanaanis diinota kee ni bittinneessite.
11Samiiwwan kan kee ti; laftis akkasuma kan kee ti;
ati addunyaa fi waan ishee keessa jiru hunda hundeessiteerta.
12Kaabaa fi kibba situ uume;
Taaboorii fi Hermoon gammachuudhaan
13Ati irree jabaa qabda; harki kee jabaa dha;
harki kee mirgaas ol kaʼeera.
14Qajeelummaa fi murtiin qajeelaan hundee teessoo keetii ti;
araarrii fi amanamummaan fuula kee dura deemu.
15Yaa Waaqayyo, warri siif ililchuu beekan,
warri ifa iddoo ati jirtuu keessa jiraatan eebbifamoo dha.
16Isaan guyyaa guutuu maqaa keetiin gammadu;
qajeelummaa keetiinis si jajatu.
17Ati ulfina jabina isaanii ti;
jaalala keetiinis gaanfa keenya ol qabdeerta.
18Dhugumaan gaachanni keenya kan Waaqayyoo ti;
kan mootii keenya Qulqullicha Israaʼelii ti.
19Ati dur akkana jettee saba kee amanamaatti
mulʼataan dubbatteerta:
“Ani loltuu tokkoof humna kenneera;
dargaggeessa saba keessaa filatame tokkos ani ol guddiseera.
20Ani garbicha koo Daawitin argadheera;
zayitii koo qulqulluunis isa dibeera.
21Harki koo isa wajjin jira;
irreen koos isa jajjabeessa.
22Diinni tokko iyyuu isa hin moʼatu;
namni hamaanis isa hin hacuucu.
23Amajaajota isaa fuula isaa duratti nan barbadeessa;
warra isa jibbanis nan dhaʼa.
24Amanamummaa fi araarri koo isa wajjin jiraata;
gaanfi isaas maqaa kootiin ol jedha.
25Ani harka isaa galaana irra,
harka isaa mirgaas lageen irra nan kaaʼa.
26Innis, ‘Ati Abbaa koo ti;
Waaqa koo ti, Kattaa Fayyina koo ti’ jedhee na waammata.
27Anis ilma koo hangafa,
kan mootota lafaa hundaa olii isa nan godha.
28Jaalala koos bara baraan isaaf nan tursa;
kakuun ani isa wajjin qabus hin cabu.
29Hidda sanyii isaa bara baraan,
teessoo isaa illee hamma samiiwwan jiraatanitti nan dhaaba.
30“Yoo ilmaan isaa seera koo eeguu didan,
yoo isaan ajaja koo faana buʼuu baatan,
31yoo isaan sirna koo cabsanii
ajaja koo illee eeguu baatan,
32ani cubbuu isaanii uleedhaan,
yakka isaanii immoo qacceedhaan nan adaba;
33ani garuu jaalala koo isa irraa hin fudhadhu;
yookaan amanamummaa koo sobatti hin geeddaru.
34Ani kakuu koo hin cabsu;
yookaan waan afaan koo dubbates hin geeddaru.
35Siʼa tokko yeroo hundaaf, qulqullina kootiin kakadheera;
ani Daawitin hin sobu.
36Sanyiin isaa bara baraan itti fufa;
teessoon isaas akkuma aduu fuula koo dura jiraata;
37akkuma jiʼaas bara baraan ni jiraata;
hamma samiiwwan jiranittis cimee dhaabata.”
38Ati amma garuu isa dhiifteerta; tuffatteertas;
isa dibde sanatti baayʼee aarteerta.
39Kakuu tajaajilaa kee wajjin galte cabsiteerta;
gonfoo isaas awwaara keessa buuftee xureessiteerta.
40Dallaa isaa hunda caccabsiteerta;
daʼoo isaa jajjabaas barbadeessiteerta.
41Warri achiin darban hundi isa saamu;
olloonni isaas itti qoosu.
42Ati harka amajaajii isaa mirgaa ol qabdeerta;
akka diinonni isaa hundi gammadan gooteerta.
43Arfii goraadee isaa duubatti deebifteerta;
waraana keessattis isa hin gargaarre.
44Surraa isaa isa irraa balleessiteerta;
teessoo isaas lafatti gatteerta.
45Umurii dargaggummaa isaa gabaabsiteerta;
qaaniidhaanis isa haguugdeerta.
46Yaa Waaqayyo, kun hamma yoomiitti?
Ati bara baraan of dhoksitaa?
Dheekkamsi kee hamma yoomiitti akka ibiddaa bobaʼa?
47Umuriin koo hammam akka gabaabaa taʼe yaadadhu.
Ati badiisa akkamiitiif ilmaan namaa hunda uumte!
48Utuu duʼa hin argin jiraachuu kan dandaʼu
yookaan humna siiʼool jalaa of baasuu
49Yaa Gooftaa, jaalalli kee guddaan durii kan ati amanamummaa keetiin
Daawitiif kakatte sun eessa jira?
50Yaa Gooftaa, akkamitti akka tajaajilaan kee tuffatame,
akkamitti akka ani arrabsoo saboota hundaa
51yaa Waaqayyo, qoosaa diinonni kee natti qoosan,
kan isaan ittiin tarkaanfii dibamaa keetii hundatti qoosan yaadadhu.
52Galanni bara baraan Waaqayyoof haa taʼu!
Ameen; Ameen.