Kitaaba Afuraffaa
Faarfannaa 90–106
Faarfannaa 90
Namni Dadhabaa Taʼuu Isaa
Kadhannaa Musee Nama Waaqaa Sanaa.
1Yaa Gooftaa, ati dhaloota hunda keessatti
iddoo jireenyaa nuu taateerta.
2Utuu tulluuwwan hin dhalatin
yookaan utuu ati lafaa fi addunyaa hin uumin,
baraa baraa hamma bara baraatti ati Waaqa.
3Atis, “Yaa ilmaan namootaa, biyyootti deebiʼaa”
jettee namoota biyyootti deebista.
4Fuula kee duratti waggaan kumni tokko,
akkuma guyyaa kaleessa darbee ti;
yookaan akkuma dabaree eegumsa halkanii tokkoo ti.
5Ati hirriba duʼaatiin namoota haxooftee balleessita;
isaan akkuma marga ganama bayyanatuu ti;
6margi sun ganama ganama bayyanatu illee
galgala galgala garuu coollagee goga.
7Aariin kee nu fixeera;
dheekkamsi kees nu naasiseera.
8Yakka keenya fuula kee dura,
cubbuu keenya dhokataa sanas ifa fuula keetii dura keesseerta.
9Barri keenya hundinuu dheekkamsa keetiin dhumeeraatii;
umurii keenyas aaduudhaan fixanna.
10Dheerinni bara keenyaa waggaa torbaatama,
yoo jabaanne immoo waggaa saddeettama taʼa;
kuni iyyuu garri caalaan isaa dadhabbii fi rakkinaan guutameera;
inni dafee darbaatii; nus barrifnee ni sokkina.
11Humna aarii keetii eenyutu beeka?
Dheekkamsi kee akkuma sodaa nu siif qabaachuu qabnu sanaa
12Akka nu garaa ogummaadhaan guutame qabaannuuf,
bara keenya lakkaaʼuu nu barsiisi.
13Yaa Waaqayyo, deebiʼi! Kun hamma yoomiitti taʼa?
Tajaajiltoota keetiifis garaa laafi.
14Akka nu bara keenya guutuu gammannee ililchinuuf,
ganama ganama araara keetiin nu quufsi.
15Hamma baayʼina guyyoota ati nu miite sanaa,
hamma baayʼina waggoota nu rakkanne sanaas nu gammachiisi.
16Hojiin kee tajaajiltoota keetti,
ulfinni kees ijoollee isaaniitti haa mulʼifamu.
17Eebbi Waaqa keenya Gooftichaa nurra haa buʼu;
hojii harka keenyaas jabeessii nuu dhaabi;
eeyyee, hojii harka keenyaa jabeessii nuu dhaabi.