Faarfannaa 91
Eegumsa Waaqaa
1Namni daʼoo Waaqa Waan Hundaa Olii keessa jiraatu,
gaaddisa Waaqa Waan Hunda Dandaʼu sanaa jala boqota.
2Anis Waaqayyoon, “Inni iddoo ani itti kooluu galuu fi
Waaqa koo kan ani amanadhuu dha” nan jedha.
3Inni dhugumaan kiyyoo adamsaa jalaa,
dhukkuba nama fixu jalaas si baasa.
4Inni baallee isaatiin si dhoksa;
atis qoochoo isaa jalatti kooluu ni galta;
amanamummaan isaa gaachanaa fi dallaa eegumsaa siif taʼa.
5Atis naasuu halkanii,
yookaan xiyya guyyaan futtaafamu hin sodaattu;
6golfaa dukkana keessa deemu,
yookaan dhaʼicha guyyaa saafaan nama balleessu hin sodaannu.
7Kumni tokko si cinatti,
kumni kudhan immoo mirga keetti ni kufa;
garuu sitti hin dhiʼaatu.
8Ati ijuma kee qofaan ilaalta;
adaba hamootatti dhufus ni argita.
9Ati waan Waaqayyoon iddoo kooluu itti galtu,
Waaqa Waan Hundaa Olii iddoo jireenya keetii godhatteef,
10wanni hamaan si hin tuqu;
dhaʼichis dunkaana keetti hin dhiʼaatu.
11Inni akka isaan karaa kee hunda irratti si eeganiif,
ergamoota isaa siif ni ajaja;
12isaanis akka miilla keetiin dhagaatti hin buuneef
harka isaaniitiin ol si fuudhu.
13Ati leencaa fi buutii irra ejjetta;
leenca saafelaa fi jawwee ni dhidhiitta.
14Waaqayyos akkana jedha;
“Sababii inni na jaallatuuf, ani isa nan oolcha;
waan inni maqaa koo beekuuf isa nan eega.
15Inni na waammata; anis nan deebisaaf;
rakkina keessatti ani isa wajjin nan taʼa;
isa nan oolcha; ulfinas nan kennaaf.
16Ani umurii dheeraa isa nan quufsa;
fayyisuu koos isatti argisiisa.”