Kaayyoo Ijoo Dubbii Kitaabichaa
1Fakkeenya Solomoon Ilma Daawit, mootii Israaʼel:
2Ogummaa fi qajeelfama qabaachuudhaaf,
dubbii beekumsa guddaa hubachuudhaaf;
3ogummaadhaan jiraachuudhaan, qajeelummaadhaan,
murtii qajeelaa kennuu fi nama wal qixxeessuudhaan
4warra waa hin beekneef of eeggannoo kennuudhaaf,
dargaggootaaf immoo beekumsaa fi hubannaa kennuudhaaf,
5ogeeyyiin dhaggeeffatanii barumsa isaanii irratti waa haa dabalatan;
warri qalbii qabanis qajeelfama haa argatan;
6kunis fakkeenyaa fi hiikkaa,
jechaa fi hibboo ogeeyyii hubachuudhaaf.
7Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti;
gowwoonni garuu ogummaa fi adabamuu tuffatu.
Gorsa Akka Namni Ogummaa Argatuuf Kenname
Gowwoomfamuu Irraa Of Eeguu
8Yaa ilma ko, gorsa abbaa keetii dhaggeeffadhu;
barsiisa haadha keetii illee hin gatin.
9Wanni kun mataa kee miidhagsuudhaaf gonfoo,
morma kee bareechuudhaaf immoo faaya siif taʼa.
10Yaa ilma ko, yoo cubbamoonni sossobanii
ofitti si harkisan, tole hin jedhiniif.
11Yoo isaan, “Nu wajjin kottu;
riphnee dhiiga namaa dhangalaasnaa;
nama balleessaa hin qabne galaafachuudhaafis
12kottu akkuma awwaalaa jiraatti isaan liqimsinaa;
akkuma warra boolla keessa buufamaniis
guutumaan guutuutti isaan liqimsinaa;
13nu waan gatii qabu kan gosa hundaa ni arganna;
manneen keenya illee boojuudhaan guuttanna;
14ixaa kee nu wajjin buufadhu;
nus korojoo tokko si wajjin qooddannaa” siin jedhan,
15yaa ilma ko, ati isaan wajjin hin deemin;
miilla keetiin karaa isaanii irra illee hin ejjetin;
16miilli isaanii cubbuutti ariifataatii;
isaan dhiiga dhangalaasuuf jarjaru.
17Utuma simbirroonni hundi arganuu,
kiyyoo buusuun waan gatii hin qabnee dha!
18Namoonni kunneen dhiiguma ofii isaanii riphanii eeggatu;
lubbuma ofii isaanii gaadu!
19Kun dhuma warra qabeenya karaa hamaadhaan argamu duukaa buʼan hundaa ti;
wanni akkasii jireenya warra isa argatanii balleessa.
Akeekkachiisa Ogummaa Tuffachuu Irratti Kenname
20Ogummaan karaa irratti guddiftee iyyiti;
iddoo wal gaʼii uummataattis sagalee ishee ol fudhatti.
21Isheen fiixee daandii irraa iyyiti;
karra magaalaa duraas akkana jettee dubbatti:
22“Isin warri homaa hin beekne
kun hamma yoomiitti karaa keessan kan faayidaa hin qabne sana jaallattu?
Warri namatti qoosan hamma yoomiitti qoosaa sanatti gammadanii
gowwoonnis beekumsa jibbu?
23Mormii koo qalbeeffadhaa;
ani yaada koo isinii nan dhangalaasa;
dubbii koos isiniifin ibsa.
24Garuu sababii isin yeroo ani isin waametti diddanii
yeroo ani harka balʼifadhetti namni tokko iyyuu na hin dhaggeeffatiniif,
25waan isin gorsa koo hunda tuffattanii
dheekkamsa koo dhagaʼuu diddaniif,
26anis badiisa keessanitti nan kolfa,
yeroo balaan isinitti dhufuttis nan qoosa;
27yeroo balaan akkuma bubbeetti isin fudhatutti,
yeroo badiisni akkuma bubbee hamaatti isin haxaaʼutti,
yeroo dhiphinaa fi rakkinni isinitti dhufutti ani isinittan qoosa.
28“Yeroo sana isaan na waammatu; ani garuu isaan jalaa hin owwaadhu;
isaan na barbaadu; garuu na hin argatan.
29Isaan waan beekumsa jibbanii
Waaqayyoon sodaachuu illee filachuu didaniif,
30waan gorsa koo fudhachuu didanii
dheekkamsa koos tuffataniif,
31isaan gatii karaa isaanii ni nyaatu;
buʼaa jalʼina isaaniis ni quufu.
32Gowwoota waa dagachuutu isaan balleessaatii;
quufni gowwootaa isaanuma balleessa;
33namni na dhaggeeffatu kam iyyuu garuu nagaadhaan jiraata;
inni qabbanaan jiraata; wanni hamaanis isa hin sodaachisu.”