Badhaasa Ogummaa
1Yaa ilma ko, yoo ati dubbii koo fudhattee
ajaja koos of keessatti kuufatte,
2yoo ati gurra kee ogummaatti garagalfattee
yaada kee hubannaatti deebifatte,
3yoo ati jabaattee qalbeeffannaa barbaaddee
hubannaa argachuuf jettee iyyitee kadhatte,
4yoo ati akkuma meetiitti isa barbaaddattee
akkuma qabeenya dhokfameetti isa barbaadde,
5ati Waaqayyoon sodaachuu ni hubatta;
Waaqa beekuus ni argatta.
6Waaqayyo ogummaa namaa kennaatii;
afaan isaa keessaa illee beekumsaa fi hubannaatu baʼa.
7Inni qajeeltotaaf ogummaa dhugaa kuusa;
warra adeemsi isaanii mudaa hin qabneef gaachana;
8inni daandii tolootaa ni eega;
karaa qulqulloota isaa illee ni tiksa.
9Ergasii ati qajeelummaa fi murtii qajeelaa,
nama wal qixxeessuu, karaa qajeelaa hundas ni hubatta.
10Ogummaan garaa kee seena;
beekumsis lubbuu kee gammachiisa.
11Qalbeeffannaan si eega;
hubannaanis si tiksa.
12Ogummaan karaa hamootaa irraa,
namoota daba dubbatan jalaas si baraara;
13warra karaa dukkanaa irra deemuudhaaf jedhanii
daandii qajeelaa dhiisan,
14warra waan hamaa hojjechuutti gammadan,
warra jalʼina hojjechuun itti tolu,
15warra daandiin isaanii jalʼate,
warra karaan isaanii dabe jalaa si baraara.
16Ogummaatu dubartii ganda labee,
niitii dubbiidhaan sossobdee ofitti nama harkiftu jalaa si baraara;
17niitii dhirsa ishee kan jalqabaa dhiiftee
kakuu fuula Waaqaa duratti galte sana dagatte jalaa si baraara.
18Manni ishee gara duʼaatti, karaan ishee immoo
gara hafuurota warra duʼaniitti nama geessaatii.
19Namni gara ishee dhaqu tokko iyyuu hin deebiʼu
yookaan karaa jireenyaa hin argatu.
20Kanaafuu ati karaa namoota gaggaarii irra ni deemta;
daandii qajeeltotaa irraas hin jalʼattu.
21Toloonni biyyattii keessa ni jiraatuutii;
warri mudaa hin qabnes achi keessa jiraatu;
22hamoonni garuu biyyattii keessaa ni balleeffamu;
warri hin amanamnes ishee keessaa buqqifamu.