Eebba Ogummaa
1Yaa ilma ko, barumsa ani siif kennu hin dagatin;
ajaja koos garaatti qabadhu;
2isaan bara baayʼee fi umurii dheeraa,
nagaa fi badhaadhummaa siif dabaluutii.
3Jaalallii fi amanamummaan yoom iyyuu sirraa hin fagaatin;
morma keetti hidhadhu;
gabatee garaa kee irrattis barreeffadhu.
4Ati karaa kanaan fuula Waaqaatii fi
fuula namaa duratti surraa fi maqaa gaarii ni argatta.
5Garaa kee guutuun Waaqayyoon amanadhu;
hubannaa kees hin abdatin;
6karaa kee hunda keessatti isa dursi;
innis daandii kee siif qajeelcha.
7Ani ogeessa ofiin hin jedhin;
Waaqayyoon sodaadhu; waan hamaa irraas fagaadhu.
8Wanni kun dhagna keetiif fayyaa kenna;
lafee kee illee ni haaromsa.
9Qabeenya keetiin,
mataa midhaan keetii hundaanis Waaqayyoon kabaji;
10yoos gombisaan kee hamma irraan dhangalaʼutti guutama;
iddoon cuunfaa wayinii keetiis
11Yaa ilma ko, adabbii Waaqayyoo hin tuffatin;
dheekkamsa isaas hin jibbin.
12Waaqayyo akkuma abbaa ilma ofii isaa jaallatu tokkootti
warra jaallatu ni adabaatii.
13Namni ogummaa argatu
kan hubannaas argatu eebbifamaa dha;
14ogummaan meetii caalaa faayidaa qabaatii;
warqee caalaas buʼaa namaaf buusa.
15Gatiin ishee gatii lula diimaa caala;
wanni ati akka malee hawwitu kam iyyuu isheedhaan wal qixxaachuu hin dandaʼu.
16Jireenyi dheeraan harka ishee mirgaa keessa jira;
badhaadhummaa fi ulfinni harka ishee bitaa keessa jiru.
17Karaan ishee karaa nama gammachiisuu dha;
daandiin ishee hundis nagaa dha.
18Isheen warra jabeessanii ishee qabataniif muka jireenyaa ti;
warri itti cichanii ishee qabatan immoo ni eebbifamu.
19Waaqayyo ogummaadhaan hundee lafaa buuse;
hubannaadhaanis samiiwwan iddoo isaanii kaaʼe;
20beekumsa isaatiin tuujubawwan gargar qoodaman;
duumessoonnis fixeensa coccobsan.
21Yaa ilma ko ogummaa fi hubannaa dhugaa eeggadhu;
isaanis fuula kee duraa hin dhabamin;
22isaan jireenya siif taʼu;
morma kee miidhagsuufis faaya mormaa siif taʼu.
23Yoos ati karaa kee nagumaan deemta;
miilli kees hin gufatu;
24ati yoo raftu hin sodaattu;
hirribni kees yoo ati raftu sitti miʼaawa.
25Balaa akkuma tasaa sitti dhufu
yookaan badiisa hamoota galaafatu hin sodaatin;
26Waaqayyo irkoo siif taʼaatii;
akka miilli kee kiyyoodhaan hin qabamnes si eega.
27Ati yeroo waan tokko gochuudhaaf aangoo qabdutti,
warra wanni gaariin isaaniif malu irraa waan sana hin hanqisin.
28Utuu amma waa qabduu,
ollaa keetiin, “Yeroo biraa deebiʼii kottu;
ani bori siifin kennaatii” hin jedhin.
29Ollaa kee kan si amanee si cina jiraatu miidhuuf jettee
waan hamaa itti hin yaadin.
30Nama tokko utuu inni homaa si hin godhin
akkasumaan hin miidhin.
31Nama dabaatti hin hinaafin;
yookaan karaa isaa tokko illee hin filatin.
32Waaqayyo nama jalʼaa ni jibbaatii;
nama qajeelaa garuu ofitti aanfata.
33Abaarsi Waaqayyoo mana nama hamaa irra buʼa;
inni garuu mana nama qajeelaa ni eebbisa.
34Inni qoostota of tuultotatti ni qoosa;
warra gad of qabaniif immoo ayyaana kenna.
35Ogeeyyiin ulfina dhaalu;
gowwoota garuu inni ni qaanessa.