Ejja Irraa Of Eeggachuu
1Yaa ilma ko, ogummaa koo qalbeeffadhu;
hubannaa kootiif illee gurra kenni;
2kunis akka ati hubannaa turfattee
arrabni kees beekumsa kuufattuuf.
3Hidhiin ejjituu damma coccobsa;
haasaan ishee zayitii caalaa lallaafa;
4dhuma irratti garuu isheen akkuma hadhooftuu hadhoofti;
akkuma goraadee afaan lamaas qara qabeettii dha.
5Miilli ishee gara duʼaatti gad buʼa;
tarkaanfiin ishee awwaalatti nama geessa.
6Isheen waaʼee karaa jireenyaa dhimma hin qabdu;
daandiin ishee jalʼaa dha; isheen garuu kana hin beektu.
7Egaa yaa ilmaan ko, mee na dhagaʼaa;
waan ani jedhu irraa gara kamitti iyyuu hin gorinaa.
8Karaa keessan ishee irraa fageeffadhaa;
balbala mana isheetti hin dhiʼaatinaa;
9kunis akka ati ulfina kee nama biraatiif,
umurii kees nama namaaf hin naaneef hin kennineef;
10akkasumas qabeenya kee ormatu nyaata;
dadhabbiin kees mana alagaa badhaasa.
11Dhuma jireenya keetiitti,
yeroo foonii fi dhagni kee dhumutti ati ni aadda.
12Atis akkana jetta; “Ani akkamittin adabamuu jibbee!
Garaan koos akkam sirreeffamuu tuffate!
13Ani barsiistota kootiif hin ajajamne
yookaan qajeelchitoota koo hin dhaggeeffanne.
14Ani waldaa guutuu gidduutti
qarqara badiisaa gaʼeen ture.”
15Eela kee keessaa bishaan,
boolla bishaanii kee keessaa immoo bishaan qulqulluu dhugi.
16Burqaan kee guutee daandii irra, bishaan kee kan yaaʼus
oobdii keessa dhangalaʼuu qabaa?
17Isaan kan kee haa taʼan;
ormi si wajjin qooddachuu hin qabu.
18Burqaan kee haa eebbifamu;
niitii dargaggummaa keetiitti gammadi.
19Isheen miidhagduu akka borofaa, bareedduu akka gadamsaa ti;
harmi ishee yeroo hunda sitti haa tolu;
yeroo hunda jaalalli ishee si haa boojiʼu.
20Yaa ilma ko, ati maaliif ejjituudhaan boojiʼamta?
Maaliif bobaa niitii nama biraa hammatta?
21Karaan namaa guutumaan guutuutti fuula Waaqayyoo dura jiraatii;
innis daandii namaa hunda ni toʼata.
22Balleessaan nama hamaa isuma qabaata;
funyoon cubbuu isaa jabeessee isa qaba.
23Inni sababii adabamuu dhabeef duʼa;
guddinni gowwummaa isaas karaa irraa isa balleessa.